Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan MM Abiy Ahimad hariiroo biyyoota lameeniif murteessaadha-Aljeeriya

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Daawwannaan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Aljeeriyaatti taasisan  hariiroo biyyoota lameenii Cimsuuf  murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Aljeeriyaa Raamtaanee Laamaamraan ibsan.

Kanaan dura Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Aljeeriyaa daawwachuu yaadachiisuun, daawwannaan Muummee Ministiraa Abiy Ahimad hariiroo biyyoota lameenii cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Daawwannaan dureewwanii, hariiroo cimaan biyyoota lameen gidduu jiraachuu fi walta’iinsi bu’aa qabeessi jiraachuu kan mirkaneessu ta’uu Ministirri Dhimma Alaa eeraniiru.

Biyyoonni lameen rakkooleen Afrikaa furmaata Afrikaanummaa akka argatuuf tattaffii Gamtaan Afrikaa taasisu kan deeggaran ta’uu ibsan.

Akkasumas Ityoophiyaa fi Aljeeriyaan misooma indaastiriin guddina fooyya’aa galmeessuuf furtuu ta’uu hubachuun irratti hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Biyyi birmaduun tokko ummataa fi qabeenyaa uumamaa ishee mirga misoomsuu fi itti fayyadamuu kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan biyyoonni Afrikaa ollummaa gaarii fi rakkoolee isaanii karaa nagaan akka furan Aljeeriyaan ni deeggarti jedhaniiru.

Maddi :-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.