Fana: At a Speed of Life!

Daawwiin muummee ministiraa hariiroo Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa ni cimsa- Ambaasaaddar Dr Shifarraaw

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwiin Afrikaa Kibbaatti taasisan hariiroon biyyoota lamaanii gara tumsa tarsiima’aatti kan ceesisu ga’ee olaanaa kan qabaatu ta’uu Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Shifarraaw Jaarsoon himan.

Ambaasaaddarichi turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin akka beeksisanitti, daawwiin muummee ministiraa hariiroo biyyoota lamaanii ni cimsaan eegama.

Muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad affeerraa preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaatin booruu eegalanii guyyootii lamaaf biyyattii ni daawwatu.

Muummee ministiraa dhimmoota addaddaarratti hoggantoota biyyattii olaanoo waliin ni mari’atu jedhameet eegamas jedhaniiru ambaasaaddarichi.

Ityoophiyaanota Afrikaa Kibbaa jiraatan waliinis ni mari’atu.

Muummee ministiraa lammiileen kanneen gaaffii kaasaniif deebii akka argatan hoggansa biyyattii dhimmi ilaallatu waliin nji mari’atu.

Dooktar Abiy istaadiyamiitti ummata waliin ni mari’atu jedhan.

Haaylayyasuus Makoonnantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.