Fana: At a Speed of Life!

Daballiin kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa maatiin utuu walii hingaliin hojiirra oolchuun hindanda’amu-Abbaa Taayitichaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Daballiin kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa taasisan, maatii waliin waliigalteerra utuu hinga’iin hojiirra oolchuun akka hindanda’amne Abbaa Taayitaa To’annoo Qulqullinaa Leenjii fi Barnootaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaan taayitichaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, bara 2016 daballii kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa ilaalchisee abbootii qabeenyaa manneen barnootaa waliin marii taasisuu kaaseera.

Haaluma kanaan daballiin kaffaltii manneen barnootaa marii maatii fi bu’uura waliigalteen akka ta’uu waliigaltee waloorraa ga’amuu beeksiseera.

Ta’us, magaalattiitti dhaabbileen tokko tokko daballii gatii taasisan ilaalchisee maatii waliin waliigaltee gahaarraa kan hinga’amne waan ta’ef, wayita marichaatti daawwannaa taasiseen mirkaneessuun eerameera.

Kanaafis, manneen barnootaa daballii kaffaltii bara 2016, maatii waliin waliigaltee gahaarra utuu hinga’in hojiirra oolchuu akka hindandeenye hubachiiseera.

Akkasumas, manneen barnootaa bakka bu’ootaa maatii barattootaa fi waajjira abbaa taayitichaa waliin mari’achuun bu’uuraa kallattii fuulduree kaa’amuun hojiitti seenuuf waliigaluu akka danda’an beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.