Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoonni kuduraa fi muduraa Dirree Jaanitti akka hojjetan taasifaman dhiyeenyatti bakka isaaniif qophaa’e giddugala gabaattii ni naanneffamu

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) –Daldaltoonni kuduraa fi muduraa Dirree Jaanitti akka hojjetan taasifaman dhiyeenyatti bakka isaaniif qophaa’e giddugala gabaattii ni naanneffamu.

Weerara vaayrasii koroonaa hir’isuuf jecha daldaltoonni kuduraa fi muduraa Dirree Jaanitti akka hojjetan taasifaman dhiyeenyatti bakka isaaniif qophaa’e giddugala gabaattii akka naanneffaman ibsame.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee mgaalichatti ijaarsa irra kan jiranii fi ijaarsi isaanii xumuramuun tajaajilaaf kan qophaa’an giddugala gabaa daawwachuu ibsaniiru.

Daawwanna Haylee Garmaant, Jamoo, Kolfee fi bakkeewwan garagaraa taasisaniin sadarkaa fi qulqullina ijaarsichaa gamaaggamuu eeraniiru.

Giddugalli gabaa ijaaramaaa jiruu fi duraan ture haaromsi isaa xumuramuun daldaltootaa kuduraa fi muduraaf akka kennamu ni ta’a jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.