Fana: At a Speed of Life!

Dambi Doollootti manni barnootaa bultii adda Dooktar Nagaasoo Gidaadaa hojii baruu fi barsiisuu eegale

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC)- Manni barnootaa bultii addaa Maqaa Dooktar Nagaasoo Gidaadaan Yuunvarsitii Dambi Doolloon baname barsiisoota ga’umsa qabaniin sirna baruu fi barsiisuu eegaleera.
Yuunvarsiitiin Dambii Doolloo sirna baruu fi barsiisuu, qo’annoo fi qorannoo gaggeessuu akkasumas tajaajila hawaasa kennuu giddu galleessa godhachuun mana barnooticha kan eegalchiise.
Manni barumsichaa barattoota 240 simachuun barsiisaa jira jedhameera.
Preezdaantiin Yuunvarsitii Dambi Doolloo Dooktar Lataa Tasfaayee, yuunvarsiitiichi hojiiwwan tajaajila hawaasaaf oolan hedduu hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Manneen barnootaa bultii addaa biroo aanaalee godinichaa keessatti babal’isuuf karoorfamuu ibsuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godina Qellem Wallaggarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.