Fana: At a Speed of Life!

Dambiin daballii gatii mana kiraa baatiiwwan 3’f dheerate

Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC)- Naannoo Harariitti daballii gatii mana kiraa fi kireeffattoota baasuu daangessuuf dambiin ba’e baatiiwwan sadan dhufaniif dheerachuu ibsame.

Dhiibbaawwan garaagaraa dhaabuu fi ittisuuf jecha dambichi baatiiwwan sadan dhufaniif akka dheeratu manni marichaa murteesseera.

Kanaaf, baatiiwwan sadan dhufaniif kireeffattoota gadi dhiisisuu fi daballii gatii taasisuun dhorkaa ta’uu manni maree bulchiisa naannichaa hubachiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Manni Maree Bulchiinsaa Naannoo Hararii gaaffii lammiilee fi haala biyyaalessaa tilmaama keessa galchuun, mana kireessitoonnii, kireeffattoota gadii dhiisisuu fi daballii gatii mana kiraa daangessuuf dambii tumuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.