Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii warshaalee simmintoo guddisuun dhiyeessii madaalawaan akka jiraatuuf gargaara- Injinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015(FBC)- Warshaalee haaraa ijaaruu dabalataan dandeettii warshaalee simmintoo jiranii guddisuun dhiyeessii madaalawaan akka jiraatuuf kan gargaaru ta’uu Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan.

Injinar Taakkalaa Uumaan warshaa Simintoo Naashinaal kan hojiin suphaa isaa xumurame daawwataniiru.

Injinar Taakkalaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabrsaniin, gabaasa dhaabbata obbolaa warshichaa kan ta’eefi ijaarsarra kan jiru warshaa simintoo Lammii gamaaggamuu ibsaniiru.

Suphaan warshaa simmintoo Naashinaal dandeettii oomishuu warshichaa %30 kan guddisu ta’uu Injinar Taakkalaan addeessaniiru.

Warshaalee haaraa ijaaruu dabalataan dandeettii warshaalee jiranii guddisuun dhiyeessii madaalawaan akka jiraatuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.