Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni hundi duularratti hirmaachuu akka qaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Dargaggoonni hundi duularratti hirmaachuu akka qaban Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Amaaraa waamicha dhiyeesse.

Gareen Shororkeessaan ABUT addawwan garaagaraan waraana banuusaa Preezdaantiin Naannoo Amaaraa obbo Agaanyahu Tashaagar ibsa har’a kennaniin himaniiru.

Namni hidhannoo mootummaas ta’e dhuunfaa hidhatee jiru, dargaggoonni hundi boruu eegalanii duula kanaarratti hirmaachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Deeggarsa hanga ammaatti hawaasni, hojjettoonni mootummaa, humni nageenyaa, abbootiin qabeenyaa fi hawaasni daldalaa taasisaaniif galateeffataniiru.

Yeroon kun ummata Amaaraaf waqtii seenaa qabeessa jedhan.

Hoggantoonni fi miseensonni waraanaa deebi’an hundi gara wanaatti makamaa jiraachuu ibsaniiru.

ABUT daa’immaan umrii isaanii malee waraana keessatti hirmaachisaa jiraachuu kaasaniiru.

Daa’immaan kaneenirra miidhaan namoomaa hamaa ta’e ga’uu ibsaniiru.

Juuntaa biyya diiguuf kaayyeffatee socho’aa jiru irree gamtoomeen barbadeessuu qabna jechuu isaanii AMC gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.