Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota kutaa magaalaa Boolee ‘osoon ani jiruu biyyi koo hin diiggamtu’ jechuun Raayyaa Ittisaatti makamaniif gaggeessan taasiifame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Dargaggootaa fi miseensota Raayyaa Ittisaa duraanii kutaa magaalaa Boolee ‘osoon ani jiruu biyyi koo hin diiggamtu’ jechuun Raayyaa Ittisaatti makamaniif gaggeessaa taasiisuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.

Dargaggootaa kuma 1 fi Miseensoota raayyaa Ittisaa  duraanii 503 Raayyaa Ittisaatti makamaniif gaggeessaa taasiisuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT filannoo araara nageenyaa dhiyaateef diduun waraana baneen dhiigni lammiilee hedduu dhangala’uu, qabeenyi hedduun barbadaa’uu Aadde Adaanach sirna gaggeessaa fi walharkaa fuudhinsa deeggarsa Raayyaa Ittisaa Kutaa magaalaa Booleerratti argamuun haasawa taasisaniin eeraniiru.

Yeroo ammaa adda waraanaatti mo’atamuu isaa barraan waa’ee nageenyaa dubbachuu eegaluun isaan tooftaa moofaa isaa durii ta’uu eeraniiru.

Ummanni Ityoophiyaa hundi olola sobaa garichaan osoo hin burjaaja’in birmadummaa fi tokkummaa Ityoophiyaa, Raayyaa Ittisaa fi qaamoleen nageenyaaf deeggarsa hunda galeessaa taasiisaa jiran cimsanii akka itti fufan Aadde Adaanach gaafataniiru.

Dargaggoota guyyaa har’aa gara adda waraanaatti gaggeeffaman keessaa Ameerikaa kan dhufe dargaggoo Yoonaas Mikaa’eel isa tokko ta’uun eeruun, kun ammo dargaggoota biroof barnoota olaanaa ta’uu qaba jedhan.

Kutaan Magaalichaa yeroo gabaabaa keessatti Birrii miiliyoona 90 ol Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa walitti qabuun aantummaa isaanii mirkaneessaniiru jedhan Aadde Adaanach Fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin.

Dubartoonni galaa qopheessuun aantummaa olaanaa agarsiisuu eeraniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.