Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota waliin hojjennaan lagni hin ce’amne hin jiru jedhan obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Dargaggoota waliin hojjennaan lagni hince’amne hin jiru jedhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, haala yeroo fi akeeka ce’umsaarratti leenjii dargaggoota magaalaa Adaamaaf kennamaa turerratti argamuun dargaggootaaf hojii manee gara fuulduraa kennan.

Leenjiin haala yeroo fi akeeka ce’umsaarratti xiyyeeffachuun dargaggoota magaalaa Adaamaa lakkoofsaan 2000tti siiqaniif guyyoota afuriif kennamaa ture guyyaa har’aa xumura argateera.

Kaayyoon leenjichaa dargaggoonni abdii egeree tahan haala yeroon keessumattu qaamolee siyaasa biyyatti burjaajeessuuf socho’aniin osoo hin hatamiin jijjiirama akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuun irraas fayyadamaa taha akka deemaniif tahu sirna cufiinsa leenjichaarratti dubbatameera.

Sirna cufinsa leenjii dargaggoota magaalaa Adaamaaf kennamaa ture kanarratti argamun haasawaa cufiinsa sirnicharratti taasisaniin dargaggoota waliin hojjennaan lagni hince’amne hinjiru kan jedhan obbo Shimallis Abdiisaa,dargaggootaaf xiyyeeffannoo kennun ni hojjenna jedhaniiru.

Dargaggoonnis xiyyeeffannoo mootummaan kennaaf jiru hubachuun kutannoo sirrii qabaachuu qabu malee warra qarshiin sossobanii fi sossobamutti makamu hinqaban jedhan.

Waan hojjetamu qabuu fi Oromiyaaf malu agarsiisu kan qabnu hojiin malee miidiyaa hawaasaa miti kan jedhan obbo Shimallis haasawaa taasisan keessatti dhaamsa dargaggootaaf gudunfaniin,Oromiyaa ijaaruun dirqama keenya sochii kana keessatti Itiyoophiyaanis utubamuuf carraa bal’aa qabdii jedhaniiru.

Dargaggoonni magaalaa Adaamaas gama isaanitiin ashaaraa dargaggeessi biyya tokkoof buusuu qabu keenyee darbuuf haalli amma jiru ni eeyyama, kanaaf yeroon itti hojjechuu fi tokko tahu qabnu amma jechuun yaada isaan gudunfaniiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.