Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa namoomaa gara Tigraay galu sirnaan sakatta’uuf maashinoonni dabalataa dhaabbataa jiru

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraay galu sirnaan sakatta’uuf maashinoonni dabalataa dhaabbachaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa beeksise.
Konkolaattoonni gurguddoon midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaatan alaa fe’an 61 magaalaa Maqalee ga’uu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Komishinar Mitikkuu kaasaan ibsaniiru.
Dabalataan Konkolaattoonni gurguddoon midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaatan alaa fe’an 60 karaa Samaraan gara Naannoo Tigraay seenaa jiraachuu himaniiru.
Deeggarsa namoomaa gara naannichaa seenu kamiiyyuu sirnaan sakatta’uun saffisaan qaqqabsiisuuf maashinoonni dabalataa dhaabbamaa jiraachuu Komishinar Mitikkuun kaasaniiru.
Saardoo fi Af Dheeraatti maashinoonni lama hidhamaa jiraachuu ibsuun , bittaan maashinoota 10 raawwatamaa akka jiru eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.