Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa ummanni argisiiseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata dhiyeesse

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Tumsa ‘Gumaata Xiiqiitiin’ jaalala biyya keessaniif qabdan agarsiisuu keessaniif mootummaan naannoo Oromiyaa galata dhiyeessa jechuun Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Biirichi ibsa baaseen ummanni keenya guddummaa isaa gochaan mul’isa jedheera.

Guutuun ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Biyya birmadummaan ishee eegamtee har’a geesse dafqa isaan utubee biyya badhaate dhaloota itti aanuuf dabarsuuf hojii eegale cimsee itti fufeera.

Birmadummaa biyyaa tiksuuf qaamoliin nageenyaa halkaniifi guyyaa aarsaa barbaachisu kaffaluun hojjetaa jiru.

Qonnaan bultoonni keenyas waanjoofi maraamartoo hiyyummaa burkuteessuun Badhaadhina milkeessuuf Gannaa Bona, Birraafi Arfaasaa oomishuu karaa adda ta’een itti fufaniiru.

Ummanni keenya tajaajila haqaa akka argatuuf hojiin eegale cimee itti fufa.

Hooggansi keenyas yaadee karoorsuun karoora isaa tarkaanfiwwan haaraan tumsee roga hundaan biyya cimsuun kabajaafi ulfina biyyaa olqabuuf xiiqiifi kutannoon hojjechaa jiru.

Waggoota Shanan darbe keessattis rifoormiiwwan gurguddaa hojiirra oolchuun tumsaafi deeggarsa ummanni keenya daangaa hanga daangaatti mootummaa isaa waliin qindaa’ee hojjeteen kabajniifi ulfinni biyyaa sadarkaa Idil Addunyaatti oljedheera.

Boqonnaan amma keessa jirrus boqonnaa haaraadha.

Boqonnaa kana injifannoon goolabnee boqonnaa biraatti akka ceenuuf ummatni naannoo keenyaa jaalala biyyaafi mootummaa isaaf qabu fiigicha gumaata xiiqiitiin mirkaneesseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee naannoo keenyaa bu’ura cimaa irratti ijaaruufi nageenya naannoo keenyaa mareefi marabbaan mirkaneessuun ummanni keenya akka boqotuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuu barbaadna.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa mallattoo Injifannoo dhaloota haaraa Ashaaraa harka keessaniin ka’amedha.

Kufaatii irraa waliin baraarree walumaan xumurree rivaayinii kutuun dukkana keenya ni bariisifna.

Kanammoo gochuu akka dandeessan guyyaa har’aa guutummaa Oromiyaatti waan mirkaneessitaniif galatoomaa.

Qaamoleen Gumaata xiiqiitiin waggaa 13ffaa guyyaa dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa kaa’ameefi guyyaa looreetiin nagaa Addunyaa muummeen ministira Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahmad pirojekticha xumursiisuuf waadaa itti galan sirna ajaa’ibsiisaa kanaan akka kabajamu taasiftanis gaarummaa biyya Keessaniif qabdan gochaan waan mul’istaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa Galata dhiyeessa.

Fiigichi Guddichi Gumaata xiiqii guutummaa Oromiyaatti qophaa’e nagaan kan xumurameefi biyyaaf humna ta’uu keenya kan mul’ise waltajjii guddaadha.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Bitootessa 2016

Finfinnee.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.