Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi dhokataan Dhaabbilee Idil Addunyaan garee shororkeessaa ABUTiif taasifamu dhaabachuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC)- Deeggarsi dhokataan namoonni dhuunfaa dhaabbilee idil addunyaa tokko tokko keessa daheeffachuun  garee shororkeessaa ABUTiif taasisan dhaabachuu akka qabu ibsame.

Yeroo dheeraadhaaf hojjetoonni Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa akka  seenan odeeffannoo mul’isu dhaabbatichi fudhachuu dhiisuu isaa “ Manii Bilad Konshins” barruu isaa dhimma Ityoophiyaarratti baaseen ibseera.

Dhiyeenyatti hojjettoonni dhaabatichaa dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuun garee shororkeessaa deeggaraa turan biyya gadi lakkisanii akka ba’an taasifamuu yaadachiiseera.

Sochii hooggantoonni fi hojjetoonni dhaabbilee idil addunyaa tokko tokko dhimma keessoo Ityoophiyaa keessa seenuuf taasisan kan mul’isu ragaan odeeffannoo sagalee jiraachuus barrichi ibseera.

Daba DhMG kana duuba hooggansi alaa garee shororkeessaa ABUT Dooktar Teediroos Adaanoom jiraachuu fi gareen shororkeessaa kun namoota dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa keessa jiran fayyadamuun dhiibbaa alaa uumuuf yaalii taasisurraa of qusachuu akka qabus eereera.

gareen shororkeessaa kun wayita aangoorra turetti, gabaasaaleen dhiibamuu mirga namoomaa fi gochawwan saamichaa raawwatamaa ture akka ifa hin baaneef namoota dhaabbaticha keessa dhokatanii jiraniin ukkamfamaa akka ture ibseera.

Ammas taanaan miseensonnii fi deeggartoonni garee shororkeessaa kun gama dhaabbilee idil addunyaatiin daba raawwataniif dhaabbileen of sakatta’uu fi hatattamaan dhaabuu akka qaban ifoomsuu isaa TOI gabaaseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.