Fana: At a Speed of Life!

Deenimaarkitti dhukaasa namni dhuunfaa baneen lubbuun namootaa darbe

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Deenimaark magaalaa Kooppenhaagenitti dhukaasa namni dhuunfaa baneen lubbuun namootaa darbuu gabaafame.

Magaalaa Kooppenhaageen Giddugala gabaa Fiilditti guyyaa kaleessaa dhukaasa namni dhuunfaa baneen lubbuun namoota sadii darbuu fi namoota afurirratti ammoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Nama gocha kana raawwate daqiiqaa 11 keessatti to’annaa jala oolchuu poolisiin magaalichaa eereera.

Poolisiin haleellichi haleellaa shororkeessummaati jedhee kan amanu ta’uu fi shakkamtichi rakkoo sammuu kan hin qabne ta’uu oofisarri poolisii magaalichaa Sooreen Toomsan ibsaniiru.

Hojii qulqulleessuu hojjetameen shakkamtichi qaamolee biroo waliin hariiroo qabaachuu ragaan mul’isu kan hin jirre ta’uu BBC fi Iskaay Niwus gabaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.