Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni  Inshuraansii Awaash ijaarsa hidha haaromsa guddichaaf bittaa boondii Birii miiliyoona 36 taasise

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Waldaa Aksiyoona Inshuraansii Awaash ijaarsa hidha haaromsa guddichaaf bittaa boondii Birii miiliyoona 36 taasise.

Dhaabbatichi wagga waggaan boondii bituun ijaarsa hidha haaromsaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu hojii gaggeessaa olaanaan waajjira  qindeessa hirmaannaa hawaasaa ijaarsa  hidha haaromsa guddichaa magaalaa Finfinnee  obbo Misikkir Nagaash ibsaniiru.

Ijaarsa hidha haaromsaaf bara 2003rraa eegalee hanga ammaatti magaalaa Finfinneetti Birrii biiliyoonni 3. 21 ol bittaa boondii fi kennaadhaan walitti qabamuu ibsaniiru.

Baatiiwwan 7 darban bara baajataa kanattis Birrii miiliyoonni dhibba 1 fi kumni dhibbi 4 walitti qabamuu dubbataniiru.

Ijaarsa hidha haaromsichaa xumursiisuuf dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa akkasumas hawaasni hundi deeggarsa taasisu cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.