Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi wayita ayyaanaatti tajaajila barbaachisaa kennuuf qophaa’uu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)- Wayita ayyaanaatti tajaajila barbaachisaa kennuuf qophii xumuruu Dhaabbanni Qeeraawwanii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Itti Gaafatamaan Dhaabbatichaa Obbo Atakilti Gabiramikaa’eel akka ibsanitti, guyyoottan itti aanan ayyaanota kabajaman ilaalchisuun kenniinsa tajaajilaarratti duubatti harkifannaan akka hinjiraanneef qophii xumuruu himan.

Ayyaanonni wayita kabajamanitti daandiileen cufamuu akka danda’an tilmaama keessa galchuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mariin gaggeeffamuu kaasaniiru.

Keessumaa raabsaa fooniin walqabatee konkolaattonni rakkoo tokko malee akka hojjetan taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan dhabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.