Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee ijaarsaa fi gorsaa hojiilee isaanii sirnaan hin hojjennerratti tarkaanfin fudhatame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Dhaabbilee ijaarsaa fi gorsaa hojiilee isaanii sirnaan hin hojjennerratti tarkaanfin fudhatame.
 
Preezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dhaabbilee ijaarsaa fi gorsaa hojii isaanii sirnaan hin hojjetinirratti tarkaanfii fudhachuun itti fufa jedhan.
 
Abbaan Taayitaa Koonistiraakshinii Oromiyaa koontiraaktarootaa fi seektaroota proojaktii qaban waliin adeemsa hojii proojaktootaa karaa fooyyessuun danda’amurratti marii gaggeessera.
 
Waltajjicharratti preezdaant Shimalls Abdiisaa dabalatee hoggansi abbaa taayitichaa fi dhaabbileen ijaarsaa fi gorsaa argamaniiru.
 
Obbo Shimallis rakkoo ummataa furuuf dursa harkifannaa proojaktootaa hambisuun, hojiin kenname kamuu yeroo fi baajata qabameen xumuramuu qaba jedhan.
 
Dhaabbilee ijaarsaa haala kanaan hojii isaanii hojjechuu hin dandeenye 180 irratti ammoo tarkaanfiin fudhatamuun eerameera.
 
Dhaabbileen kanneen hojii isaan harka jiru hanga xumuranitti caalbaasii biroorratti hirmaachuun hojii ijaarsaa fudhachuu hin danda’an.
 
Proojaktoota babal’isuuf, kan jalqaman xumuramanii hojii keessa galchuun barbaachisaadhas jedhan preezdaant Shimallis Abdiisaan.
 
Bara kanatti hanqinaalee baroottan darban mudatan xiinxaluudhan adda baasuun karoora bara 2013 keessatti si’oominaan caasaalee jiran hirmaachiisuun kan hojjatamu ta’as jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.