Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo barattoota isaanii eebbisiisaa jiru

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo barattoota isaanii eebbisiisaa jiru.
Yuunvarsiitiin Gondar, Injibaaraa, Waraabee fi Jiinkaa barattoota Muummee gara garaan barsiisaa turan guyyaa har’aa eebbisiisaniiru.
Yuunvarsiitiin Gondaar barattoota Idilee, gannaa fi fagoon barsiisaa ture walumatti kuma 7 fi 293 eebbisiiseera.
Eebbifamtoota kanneen keessaa kuma 2 fi 489 barattoota shamarraniiti.
Haaluma walfakkaatuun Yuunivarsiitiin Jiinkaa barattoota muummee gara garaan barsiisaa ture 854 eebbisiiseera.
Akkasumaas, guyyaa har’aa Yuunivarsiitiin Waraabee barattoota muummee gara garaan barsiisaa ture kuma 1 fi 132 yoo eebbisiisu, kanneen keessa 503 barattoota Shamarraniiti.
Yuunivarsiitiin Injibaaraas barattoota muummee garagaraan barsiisaa ture 957 eebbisiiseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.