Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen barnootaa olaanoo garaagaraa barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Dhaabbileen barnootaa olaanoo garaagaraa barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa turan eebbisiisaniiru.

Yuunvarsiitiin Madda Walaabuu Kampaasiin Shaashamannee barattoota ogummaa garaagaraatiin barsiisaa ture,yeroo jalqabaatiif barattoota 247 eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa 88 dubartoota ta’uu ibsameera.

Bara 2009 sagantaalee garaagaraatiin barattoota 261 simatee barsiisuu kan eegale kampaasiin Shaashamannee, barattoota 926 barsiisa akka jiru ibsameera.

Yuunvarsiiitiin Dabra Birihaan barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 344 eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa kumni 1 fi 330 dubartoota ta’uu ibsameera.

Yuunvarsiitiichi Digirii jalqabaan barattoota kuma 3 fi 28, Digirii 2ffaan barattoota 313, Digirii 3ffaan yeroo jalqabaaf barattoota 3 eebbisiiseera.

Yuunvarsiitiin Dabra Maarqoos Kaampaasiin Burees barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 735 eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa 292 dubartoota jedhame.

Koolleejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloosis barattoota ogummaa yaala fayyaan barsiisaa ture 480 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa 140 dubartoota ta’uu eerrameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.