Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen lameenii fi Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Ityoo-Teelekoomii fi Eejensiin Nageenya Odeeffanoo waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltechis kenniinsa tajaajilaa bulchiisa magaalichaa fooyyessuu, ammayyeessuu fi “Finfinnee Magaalaa Ismaarti” taasisuuf karoora qabame milkeessuuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Hojmaata magaalattii ammayeessuun dhamaatii jiraattotaa kan hir’isu, tajaajila kennamuus sadarkaa idil addunyaa kan madaalu taasisa jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalattiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.