Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni magaalaa Mojoo biyya alaa fi keessa jiraatan harka qalleeyyi 900 ta’aniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC)- Dhalattoonni magaalaa Mojoo biyya alaa fi keessa jiraatan weerara vaayrasii koroonaa sababeeffachuun harka qalleeyyi 900 ta’aniif deeggarsa taasisaniiru.

Harka qalleeyyi kanneeniif midhaan nyaataa, zayitaa, kuduraa fi muduraan laatameera.

Kayyoon deeggarsichaas weerarri vaayrasii koroonaa addunyaatti yaadeessa ta’eef harka qalleeyyiin kunneen rakkoof akka hin saaxilamnee deeggaruufi jedhaniiru.

Akkaa Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa magaalaa Mojoo beeksiseetti deeggarsi taasifamee kun maarsaa lammaaaffafi.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.