Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota Teeknooloojii waliin tarkaanfachuu danda’u horachuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC) – Dhaloota Teeknooloojii waliin tarkaanfachuu danda’u horachuun barbaachisaa ta’uu Ejansiin Barnoota Ogummaa fi Teeknikaa Federaalaa beeksiise.
Dorgommiin fi agarsiifni Teeknooloojii, kalaqaa fi qorannoo bara 2013 naannoo Sidaamaatti gaggeeffamaa jira.
Agarsiifni magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jiru kun guyyoota shaniif kan turu ta’uu ibsameera.
Agarsiisa yeroo jalqabaaf naannoo Sidaamaatti qophaa’e kanarratti bu’aaleen kalaqa Teeknooloojii garaagaraa dhiyaataniiru jedhame.
Simpooziyeemiin agarsiisaa fi Baazarii muuxannoo ce’umsa Teeknoloojii babal’isuu keessatti faayidaa olaanaa qabaachuu ibsameera.
Mootummaan hanqinaalee kana dura damichaan muul’atan furuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Daayreektarri Ejansii Barnoota Ogummaa fi Teeknikaa Federaalaa obbo Geetaachaw nagaash himaniiru.
Teeknooloojiiwwan bu’aa qabeessaa fi rakkoo hiikuu danda’an kalaquuf sammuu ga’oomsurratti hojjechuun murteessaa ta’uu itti aanaan Preezdaantii fi hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Sidaamaa obbo Bayyanaa Barraasoon dubbataniiru.
Dorgommii fi agarsiisaa yeroo jalqabaaf naannichatti qophaa’e kanarratti dameewwan ogummaa 16n kalaqawwan haaraan dhiyaataniiru.
Haymaanoot Wandiiraaditu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.