Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota hariiroo uummataa cimsan irratti xiyyeeffannaan kennamee ni hojjetama-Mana Maree Federeeshinii

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2014 (FBC)- Dhimmoota hariiroo uummataa cimsan irratti xiyyeeffannaa kennee kan hojjetu ta’uu Manni Maree Federeeshinii ibseera.

Af Yaa’iin mana marichaa obbo Aganyahu Tashaagar Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii duraanii obbo Adam Faaraa waliin dhimmoota  mana marichaan hojjetamaa turanii fi ajandaalee ijoo fuula duratti xiyyeeffannoo barbaadan irratti mari’ataniiru.

Marichaanis  manni marichaa hojiilee waldhabdee hiikuu fi hariiroo uummataa cimsan irratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu ragaan Mana Maree Federeeshinii irraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.