Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessiin oomisha qonnaa akka hin mudanne mootummaan waldaalee hojii gamtaatif liqaa Birrii miiliyoona 800 mijeessuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Dhiyeessiin oomisha qonnaa akka hin mudanne mootummaan waldaalee hojii gamtaatif liqaa Birrii miiliyoona 800 mijeessuun ibsame.
 
Daayreektarri olaanaa Eejansii Hojii Gamtaa Federaalaa Usmaan Siruur weerara vaayrasii koroonaatin walqabatee hanqinni dhiyeessii oomishaalee qonnaa akka hin mudanne hojjetamaa jira jedhan.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin qonnaan bulaan oomishasaa bakka barbaadetti, akka fedhetti socho’uun shamattootaf dhiyeessuu waan hin dandeenyef, rakkoo faaynaansii furuuf hojii jajjabeessaatu hojjetamaa jira jedhan.
 
Baatiiwwan arfan darbanitti oomisha qonnaa kuntaala miiliyoona 1.5 ol fayyadamtoota biraan ga’uun danda’amuu ibsaniiru.
 
Afawarq Alamuutu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.