Fana: At a Speed of Life!

DhMG misooma humna haareffamaa irratti hojiilee qindoominaan Ityoophiyaa fi Chaayinaan hojjetan dinqisiifate

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Chaayinaan misoomaa humna haareffamaa irratti qindoominaan hojiilee hojjetan Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) dinqisiifate.

Sagantaa Misoomaa Dhaabbatichaatti, sagantaan “Debub Global” gatii madaalawaan humna haareffamaa beeksisuuf Chaayinaa waliin michummaan hundeesse gaarii ta’uu himameera.

Dhaabbatichi waliingahiinsa humna haareffamaa Ityoophiyaatti eegalame babal’isuuf gara biyyoota Afrikaatti babal’isuun akka barbaachisu ibseera.

Ityoophiyaatti Ittaanaan Bakka Bu’aa Sagantaa Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kiliifaas Tooroorii, Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti itti fayyadama anniisaa waaraa irratti hojiileen hojjetamaa jiran kan dinqisiifatamaniidha jechuu CGTN gabaaseera.

Teeknooloojiiwwan humna haareffamaa gama beeksisuutiin anniisaa baayogaazii fi aduurraa argamu beeksisuu fi bal’inaan fayyadamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaan Chaayina waliin ta’uun indaastirii qonnaan hogganamu fayyadamuun humna haareffamaarratti hojiilee hojjetaman leellisaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Ityoophiyaa fi Chaayinaa waliin hammattoo walta’iinsaa gama sadeeniin waloon hojjechuuf kutannoo qabaachuu mirkaneesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.