Fana: At a Speed of Life!

“Diinagdee dam-daneessa ijaaruun madda saaxilamummaa keenyaa maqsuun itti gaafatama dhaloota har’aati.” Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – “Diinagdee dam-daneessa ijaaruun madda saaxilamummaa keenyaa maqsuun itti gaafatama dhaloota har’aati.” Jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan sochii diinagdee ilaalchise ergaa dabarsaniiru.

Guutuun argaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Ityoophiyaan biyya wareegama dhiigaan birmadummaafi tokkummaa ishee kabachiifattee turtee fi biyyoota Afrikaa biroofis mallattoo bilisummaa taate taatus, ummanni birmadummaa isaa dhiigaan tikfatee har’a gahe qamadii kadhatee nyaachuun salphina guddaadha.

Waggoota afran darbaniin asitti dhugaa faallaa ta’e kana jijjiiruufi siyaasa shiraa biyya keenya fiixee diigumsaa irraan ga’ee ture tasgabbessuun diinagdee dandamataa birmadummaa keenya guutuu taasisuufi madda saaxilamummaa keenyaa hir’isu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas filannoowwan misoomaa jiran adda baasuufi humnoota oomishaa qindeessuun dinagdee ummata naannichaa cimsuuf keessumattuu gama qonnaan inisheetiivota garaagaraa maddisiisuun hojiiwwan bal’aa hojjechaa jira. Hojiiwwan hojjetamaa jiraniinis bu’aan qabatamaa yeroo gabaabaa keessatti jiruuf jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruufi badhaadhina hunda galeessa milkeessuun danda’u argamaa jira.

Inisheetiivota gama qonnaan maddisiifamanii milkaa’inni guddaan itti argamaa jiru keessaa tokko oomisha qamadii yoo ta’u, gama kanaan bu’aan argames dhaloonni har’aa birmadummaa dhiigaan tikfannee har’a geenye yeroo gabaabaa keessatti dafqa keenyaan jabeessinee dhaabuu akka dandeenyuufi of bira dabarree orma gargaaruu akka dandeenyu kan mirkaneessedha.

Oomisha qamadii kaleessa rooba gannaa qofa irratti hirkatee ture hambisuun ganna roobaan, bona jallisiin oomishuun oomishaafi oomishtummaa keenya dabaluu dandeenyee jirra. Gama oomisha qamadiitiin waan kaleessa abjuu ture qabatamaan mirkaneessuun danda’amee jira.

Bara darbe ummata keenya hiriirsuun hojii inisheetiivii qamadii irratti xiyyeeffannoon hojjetameen qamadii kuntaala miiliyoonotaan lakkaa’amu oomishuun qamadii biyya alaa irraa galu guutummaatti hambisuun danda’amee jira. Bara kanas oomisha qamadii rooba gannaafi bona jallisiin oomishuun fedhii biyya keessaa guutuu bira dabarree gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Waqtii Gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 1.7 ol irratti qamadiin kan oomishame yoo ta’u, bona kana ammoo marsaa lamaan lafa heektaara miiliyoonni 1 ol ta’u irratti qamadii oomishamuuf qophiin ga’aan taasifamaa jira. Barri kun bara biyyi keenya qamadii kadhachuu irraa gara qamadii gara alaatti erguutti ceetu waan ta’eef bara seenaa haaraan itti hojjetamudha.

Ummanni Oromoo akkuma kaleessa birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuu keessatti adda durummaan hirmaachaa ture har’as wareegama dafqaa kanfaluun mootummaa isaa wajjin ta’uun hiyyummaa injifachuuf ganna roobaan bona jallisiin hojii boonsaa hojjetaa jiru kanaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa beekkamtii kan kennuufi galata guddaa kan galchu yoo ta’u, karoora bara kana qabamee jiru milkeessuu keessattis ergama dachaa qabaachuu isaa hubachuun hirmaannaa isaa dachaan dabaluu akka qabu waamicha dhiyeessa.

Ummanni keenya hundi Oromiyaa magariituu maqaan faarsuu qofa osoo hin taane baddaafi gammoojjii misoomsuun oomishaafi oomishitummaa dabaluuf bonaaf ganna kutannoon hojjechuun yeroon isaa har’a ta’uu qaba. Ummanni Oromoo harka lamaan hojjetee abbaa dilbiifi abbaa qabeenyaa ta’uun Itoophiyaa akka utubu Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama hundaan deeggarsa isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaa milkaa’ina caalu galmeessuuf qonnaan bultoonni, horsiisee bultoonni, caasaan mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru hundi, abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen misoomaa hundi qabsoo misooma seena qabeessa kana akka tumsan waamicha dhiyeessa.

Qabsoofnee injifanneerra, injifannoo keenya gama hundaan guutuu taasisuufis gootummaan kaleessa garbummaa hundeen buqqise har’as hiyyummaa seenaa gochuurratti duuluu qaba.

Oromiyaa ni ijaarra!

Itoophiyaa ni utubna!

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!

Waaqayyos nu gargaara!

Shimallis Abdiisaa, PBMNO

Onkoloolessa 2015

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.