Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaasii lammumaan Ityoophiyaanoota 993 gara biyyaa deebisuun danda’ameera- Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Dippiloomaasii lammumaan Ityoophiyaanoota 993 gara biyyaa deebisuun danda’amuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministeerichi torbe lamaan darbanitti hojiiwwan hojjetaman ilaalchisee har’a ibsa laateera.

Ibsichaan Ityoophiyaanoota 993 keessaa 955 Saa’udiirra kan deebi’an ta’uu ibsameera.

Ibsicha kan laatan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, Ityoophiyaan yaa’ii waliigala 75ffaa Dhaabbataa Mootummoota Gamatoomanii hundeessituu ta’uu isheen waltajjii garaagaraarratti murannoo qabdu kan itti muul’dhisteedha jedhan.

Ajandaa rifoormii dhaabbatichaan walqabatee waltajjii hoji raawwachiiftoota gamta Afrikaa 37ffaa irratti Ityoophiyaan haala faayidaa ishee eegeen hirmaacha jiraachuu ibsaniiru.

Jilli Ministira Ministeera Dhimmaa Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw durfamu deeggarsa lammiilee Sudaan balaa lolaatin miidhamaniif taasisen Sudaanoota biraatti ilaalchaa gaarii uumuusaa argineerra jedhan Amaasaaddaar Diinaan.

Dippiloomaasii diinagdeetinis biyyoota akka Jarmaan fi Hindii waliin hariiroon jiruu akka cimuuf mariin taasifamuu ibsaniiru.

Habtamuu Taklasillaaseetu gaabase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.