Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaasiin Itiyoophiyaa dafee qaqqabaa fi saffisaa akka ta’u yaadamee hojjetamaa jira – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Walga’iin waggaa Ambaasaaddarootaa guyyoota 15f taa’amaa ture xumurameera.

Xumuramuu walga’ichaa ilaalchisee Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Dooktar Mallas Alam miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Dippiloomaasii Itiyoophiyaa qaqqabamaa fi dhiibbaa uumaa taasiisuuf yeroo itti aanu xiyyeeffannoon hojjechuuf kallattiin kaa’amuu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.

Dippiloomaasiin Itiyoophiyaa dafee qaqqabaa fi saffisaa akka ta’u yaadamee hojjetamaa jiraachuus ibsa isaaniin kaasaniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo faayidaa biyyaalessaa, walkabajuu fi fayyadamummaa waloorratti hundaa’e biyyoota waliin qabaachuu kaasaniiru.

Barakat Takkaalinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’a

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.