Fana: At a Speed of Life!

Dirooniin qajeelfama sakkata’insa nageenyaa barbaachisu guutee akka hin gallee dhorkame kan hin jirre ta’uu ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Dirooniin qajeelfama sakkata’insa nageenyaa barbaachisu guutee akka hin gallee dhorkame kan hin jirre ta’uu Daayrekatarri olaanaa Ejansii Nageenya Odeeffannoo Dooktar Shuumatee Gizaw ibsan.

Dooktar Shuumatee Gizaw caasaa fi kallattii xiyyeeffannoo waggaa 5 dhaabbaticharratti guyyaa har’aa ibsa laataniiru.

Daayrekatarri olaanaa Ejansii Nageenya Odeeffannoo Dooktar Shuumatee Gizaw Dirooniin wayita gara biyyaa galu sirna qajelfama mataa isa qaba jedhaniiru.

Weearara Awwaanisaa biyyatiitti uumame ittisuu fi to’achuuf naannoo Tigiraayii dabalatee naannooleen biroo dirooniwwan galchuuf gaaffii dhiyeessanii akkataa qajeelfamaan keessummeeffama jiraachuu ibsaniiru.

Tibba kan midiyaa hawaasummaa irratti dirooniin gara naannoo Tigiraay akka hin gallee ta’ee oduun jedhu; sadarkaa duraatti diroonichi kaayyoo qorannoo fi riivarsi injinaringii jedhuun kan ba’ee ta’uu eeruun dabalataan diroonichi kaayyoo keemikaalaa farra aramaa biifuu akka ooluu fi tibbana ammoo kaayyoo weerara Awwaannisaa ittisuu jedhuun gaafachuu kaasaniiru.

Ejansichi diroonicharratti wayita sakkata’insa nageenyaa taasise diroonichi ibsa fayyadamaa fi dhimmoota biroo kan hin qabnee ta’uun Israa’eel irraa kan ergamee fi oomishni isaa Chaayinaa akka ta’ee ibseera.

Diroonichi sakkata’insa nageenyaa guutee waan hin argamneef eeyyamni kan hin laatamneef ta’uu hubachiiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.