Fana: At a Speed of Life!

Dirree biyyi barbaaddu hundaatti duuluun barbaachisaadha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) –Nageenya waaraa, biyya tasgabbiin ishee eegamee fi badhaate itti fufsiisuuf dirree biyyi barbaaddu hundaatti  duuluun barbaachisadha jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Waltajjiin marii mata duree “ Waa’ee nageenya, guddinaa fi tokkummaa biyya keenyaaf walgargaarree haa hojjennu” jedhu qopheessummaa Qo’annoo Macaafa Qulqulluu Ityoophiyaan gaggeeffameera.

Nageenyi bu’uura biyyaa ta’uu fi dhugaan kun Ityoophiyaanota jala kan hin dhokanne ta’uu waltajjichaan ibsaniiru.

Gatii nageenyaaf jecha Ityoophiyaanonni wareegama hedduu kaffaluu kaasaniiru.

Gareewwan ofirroon nageenya Ityoophiyaa booressaniiru.
Ityoophiyaan hiriyaa tumsa nageenya ni barbaaddi ofirroowwan immoo ni jibbiti jedhan.

Waltajjiin marii kun haala nageenya waaraa Ityoophiyaatti fiduun danda’amurratti  kan xiyyeeffatu ta’uu AMN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.