Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaan, CCECC waliin waliigaltee ijaarsa paarkii indaastirii mallatteesse

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa dhaabbata Chaayinaa; CCECC waliin waliigaltee ijaarsa paarkii indaastirii mallatteesse.

Kantiibaan magaalichaa obbo Ahimad Buuhii fi hoji raawwachiisaa olaanaan CCECC, Guwoo Choongifeeng waliigalticha mallatteessaniiru.

Waliigalteen kaleessa mallatteeffame kun marsaa jalqabaatin lafa heektaara 370 irratti paarkii indaastirii ijaaruu dandeessisa.

CCECC magaalaa Dirree Dawaa naannoo Malkaa Jabduutti lafa heektaara 1000 irratti paarkii indaastirii mataasaa ijaaruu kaayyeffateera.

Paarkichattis abbootiin qabeenyaa magaalaa Dirree Dawaa waliin obbolummaa qabdu, magaalaa Kuunshaan hojiitti ni bobbaafamu.

Kantiibaan magaalaa Dirree Dawaa Ahimad Buuhii fi itti aanaan isaanii Kadir Juhaar yeroo magaalaa Kuunshaan daawwachuun hariiroo diinagdee magaalota lamaanii cimsuuf waliigalaniit turan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.