Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaan dammaqina dinagdee tuuriizimii fi indaastiriin argisisaa jirtu hawaasnis akka tumsu gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Dirree Dawaan dammaqina dinagdee tuuriizimii fi indaastiriin argisisaa jirtu cimee akka itti fufuf hawaasnis tumsu akka qabu Sadarkaa Ministiraatti Itti gaafatamaan Siyaasaa fi Sivikii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee.

Naannawa keenya qulqulleessaa, balfa sammuu keessaas haxaa’uun tokkummaa obbolummaa fi jaalalaa cimsuu irratti haa xiyyeeffannu jedhan Sadarkaa Ministiraatti Itti gaafatamaan Siyaasaa fi Sivikii Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee.

Sagantaan qulqullinaa Magaalaa Dirree Dawaa gaggeeffameera.

Dirree Dawaa Midhagduu hawwattuu fi wiirtuu daldalaa fi industrii taasiisuuf waggootan afuri asitti xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraaachuu Itti Aanaan Kantiibaa Dirree Dawaa Obbo Arbii Buhu himaniiru.

Qulqillinni magaalaa hoggansaa fi hawaasaan gaggeeffamaa jiraachuu eeruun aadaan qulqulina magaalaa eeguu cimaa dhufuu eeran.

Sadarkaa Ministiraatti Itti Gaafatamaan damee Siyaasaa fi Sivikii Paartii badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simeen gama isaaniin, hawaasa hirmaachisuun qulqullina magaalaa Dirree Dawaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetamaa jiran fakkeenya ta’uu ibsaniiru.

Balfa qulquleessuu qofaa utuu hintaane, hojimaataa fi gochoota badaas balaaleeffachuudha jedhanii, balfa sammuuu keessaa haxaa’uun tokkummaa obbolummaa fi jaalala irratti haa xiyyeeffannus jedhan.

Dirree Dawaa giddugala badhaadhina Itiyophiyaa akka taatu cimnee hojjennas jedhaniiru.

Dirree Dawaan dammaqina dinagdee tuuriizimii fi indaastiriin argisisaa jirtu cimee itti fufu qaba kan jedhan Dr. Alamuun hawaasnis akka tumsu gaafataniiru.

Sagantaan qulqulina Magaalaa ksnarratti hoggansii fi Hojjetonni Waajjira Muummee Paartii Badhaadhina, FBC, Waaltaa Midiyaa Kominikeeshinii, Wafa Maarkeetiingi Piroomoshinii fi Jiraatoonni magaalichaa hirmaataniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.