Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Injinar Habtaamuun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Ittoo Taakaakoo waliin mari’ataniiru.

Marichaan Jappaan deeggarsa isheen gama Jaayikaan Ityoophiyaaf taasistu kan dinqisiifatamu ta’uu ibsameera.

Naannolee Ityoophiyaa keessatti Jaappaan dhiyeessii bishaan dhugaatii guddisuuf hojiin hojjechaa jirtu kan jajjabeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Fedhii Ityoophiyaan misooma bishaanii fi adurraa annisaa oomishuuf qabdurratti Jappaan waliin fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa Jaappan damee kanarratti bobba’uuf fedhii qabaniif deeggarsi barbaachisaan kan godhamu ta’uu kaasaniiru.

Ambaasaaddar Ittoo Taakaakoon gama isaaniin, Jaappan anniisaa qilleensaan, teeknooloojii bishaaniin akkasumas hojimaata kaayizaniin Ityoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsaniiru.

Misooma damee Inarjiin abbootiin qabeenyaa Jaappaan Ityoophiyaatti hojjechuu akka barbaadan ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.