Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan hojiilee Raammoo Giinii balleessuuf hojjetamaa jiru daawwachuuf Gaambeellaa galan

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan hojiilee dhibee Raammoo Giinii balleessuuf hojjetamaa jiru daawwachuuf Gaambeellaa galaniiru.
Dooktar Liyaan wayita buufata xiyyaaraa Gaambeellaa ga’an hoggantoota mootummaa naannichaan simatamaniiru.
Aanaalee dhibeen Raammoo Giinii irra deddeebiin itti muul’atu aanaa Googii fi Abboobboo ni daawwatu jedhame.
Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa dhibee Raammoo Giinii Ityoophiyaa balleessuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.
Daawwannaa kanarratti Dooktar Liyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi dhaabbilee deeggartootaa argamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.