Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan talaallii vaayrasii koroonaa biyyoota 92 waliin ga’uuf qindeessummaaf filataman

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan garee sochii idil addunyaa talaallii vaayrasii koroonaa waliin ga’uuf hojjetan keessaatti qindeessumaaf filatamaniiru.
Garicha dhaabbata fayyaa addunyaa fi tumsaa talaalliin kan hoogganamu yoo ta’u, talaallii vaayrasii koroonaa biyyoota hundaa waliin ga’uuf kan hojjetuudha jedhameera.
Qindeessaa garichaa ta’uun kan muudaman Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Indooneezhiyaa Reetinoo Maarsiisii fi Ministirri Ministeera Misoomaa Idil Addunyaa Kanaadaa Kaarinaa Guldiidha.
Garichi akka beeksiseetti talaalliin vaayrasichaa biyyoota addunyaa galii giddugaleessaa fi gadi aanaa qaban 92f qaqqabsisuufidha jedhera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.