Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Maqdas Dhaabaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa fi kan Iraan waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Hoosee Maasiiingaa fi kan Iraan Ambaasaaddar Mahaammad Jaavaad waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan dhimmootaa garaagaraa irratti Ameerikaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu Dooktar Maqdas ibsaniiru.

Keessattuu dhibeewwan daddarboo Ittisuu fi To’achuu,Qabeenya humna namaa, Tajaajila yaalaa ammayyeessuu fi dameewwan biroorratti Ameerikaan tumsa akka taasiiftu gaafataniiru.

Mootummaan Ameerikaa dhimmoota fayyaarratti tumsaa fi deeggarsa taasiisuuf fedhii qabaachuu Ambaasaaddar Erviin Hoosee Maasiingaan eeraniiru.

Iraan muuxannoo oomisha qorichaalee fi meeshaalee yaala fayyaarratti qabdu Itiyoophiyaaf qoodaa jiraachuu Dooktar Maqdas marii Itiyoophiyaatti Amaasaaddara Iraan waliin taasiisaniin ibsaniiru.

Yeroo itti aanus dhimmoota fayyaarratti tumsaan kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Ambaasaaddar Mahaammad Jaavaad gama isaaniin waliigalteen uwwisa fayyaa Iraanii fi Ministeera Fayyaa Itiyoophiyaa gidduutti akka mallattaa’u gaafataniiru.

Yaa’ii yeroo itti aanu Iraanitti gaggeeffamurratti Dooktar Maqdas akka hirmaatan affeeruu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.