Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii fiigichaa biyyoota garaagaraatti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC)- Dorgommii fiigichaa Xumura torban darbee biyyoota garaagaraatti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa injifataniiru.

Dorgommii fiigicha mana keessaa meetira kuma 3 Jarman magaalaa Kaarlisiruuhiitti gaggeeffameen Barrihuu Aragaawii 1ffaa  bahuun xumureera.

Dorgommii qaxxaamura biyyaa Xaaliyaanii magaalaa Viitooree Ooloonaatti gaggeeffameen dhiiraan Nibrat Malaak 1ffaa yoo ba’u, Taaddasaa Warkuu 3ffaa, Biqilaa Taaddasaa ammo 4ffaa ba’uun xumuraniiru.

Fiigicha Walakkaa maaraatoonii Ispeen magaalaa Siiviilaatti gaggeeffameen dhiirotaan Gabree Irqiyihuun 3ffaa ba’eera. Bifuma walfakkaatuun dorgommii Walakkaa maraatoonii Ispeen Geetaafeetti adeemsifameen Habtaamuu Birilleewu 2ffaa Sintaayyoo Dinqeessaa ammo 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Dorgommichaan dubartootaan Beetaliheem Afanigus 1ffaa yoo baatu Birtukaan Warqinaahi 2ffaa ba’uun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.