Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin ‘Miss Tourism Oromia’ adeemsifamuufi

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – Dorgommiin ‘Miss Tourism Oromia’ qopheessummaa Komishinii Turizimii Oromiyaa (KTO) fi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa (BATO)tiin qophaa’e adeemsifamuufi.
Sagantichi qaama hawata turizimii Oromiyaa beeksisuu keessatti kan hammatamu yoo ta’u, mataduree, “Oromiyaa dachee miidhagina heddumminaa” jechuun KTOn hojjetu kan deggaru ta’uus komishinarri ittaanaa komishinichaa, obbo Abiyyuu Tasammaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin ibsaniiru.
Dorgommicharrattis Naannoo Amaaraatti Godina Saba Oromoo dabalatee aanaaleen Oromiyaa hawata turizimii naannawasaanii shamarran babbareedoo isaaniitiin beeksisuu ta’uus kaasaniiru.
Aanaaleen shamarran kanneen filatanii hirmaachisan iddoowwan hawata turizimii naannawasaanii suuraadhan ykn bifa addaddaatiin akkasaan waltajjiirratti ibsatan taasisuu akka qaban eeranii, waltajjichi akka godinaatti iddoo hundatti gaggeessuuf rakkisaa ta’uusaatiin gara godinoota 8-10tti gaggeessuuf karoorri qabamuusaa himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.