Fana: At a Speed of Life!

Dr. Mulaatuun erga ejjennoo Ityoophiyaan qabdu gaggeessitoota Gamtaa Awrooppaa fi preezdaantii Faransaayin ga’an

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Dooktar Mulaatuun hidha haaromsaa waliin walqabatee ergaa ejjennoo Ityoophiyaan qabdu kan hubachiisu gaggeessitoota Gamtaa Awrooppaa fi preezdaantii Faransaayin ga’an.

Preezdaantiin duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaan Hidha Haaromsa waliin walqabatee ejjennoo Ityoophiyaan qabdu kan hubachiisu erga muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ergan gaggeessitoota Gamtaa Awrooppaa fi Preezdaantii Faransaayiin ga’aniiru

Dooktar Mulaatuun ergaa preezdaantii Mana Maree Gamtaa Awrooppaa Chaarlas Mikaa’eliif ergame, hogganaa kaabinee Firaankoos Ruuksii fi ergaa preezdaantii Koomiishinii Gamtaa Awrooppaaf ergame itti aanaa Koomishinii Gamtaa Awrooppaa Jooseef Booreliin ga’aniiru.

Akkasumas ergaa preezdaantii Faraansaayiif ergame gorsaa dhimmoota Afrikaa kan ta’an Firaank Paarisiin ga’uu isanii himaniiru.

Dooktar Mulaatuun turtii anga’oota olaanoo Gamtaa Awrooppaa fi Koomiishinii Gamtaa Awrooppaa waliin taasisaniin waliigaltee Sudaanii fi Gibts waliin gaggeeffamaa jiru Ityoophiyaan furmaata hunda qixa fayyadamaa taasisuf kan hojjettu ta’uu himaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.