Fana: At a Speed of Life!

Dubartoota barsiisuun mirga isaanii kabachiisuun bilisummaan akka jiraatan qooda olaanaa qaba – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbilee misoomaa Giiftiiwwan duree biyyoota Afrikaa 28ffaa gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi ‘ishee barsiisaatii Afrikaa jijjiiraa’ mata duree jedhuun gaggeeffamaa jira.

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon yaa’icharratti haasawa baniinsaa taasiisaniin, Dubartoota barsiisuun dorgomaa fi fayyadamoo akka ta’an taasiisurra darbee mirga isaanii kabachiisuun bilisummaan akka jiraatan qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Waajjirri isaanii dubartoota barsiisuu fi gu’oomsuuf hojiilee hojjete ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.