Fana: At a Speed of Life!

Dursaan taphattoota Arsenaal Maartin Odegaard waliigaltee waggaa 5 mallatteesse

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC) – Taphataan sarara gidduu lammii Noorway Maartin Odegaard Arsenaal waliin waliigaltee waggaa 5 mallatteesse.

Taphataan sarara gidduu Arsenaal dargaggeessi umrii waggaa 24 Odegaard Arsenaaliif taphoota 112 taphatee goolii 27 galchuun yeroo 15 ammoo kubbaa gooliif ta’u mijeesseera.

Arsenaal seenaasaa keessatti tapha Piriimer Liigii bara darbee keessatti ga’umsa olaanaa wayita agarsiisu ga’een Odegaardi guddaa ture.

Kilabiin kun bara darbe Piriimer Liigii keessatti Maanchistar Siitiitti aanuun lammaffaa ba’ee, dorgommii Chaampiyensi Liigii waggaa ja’aaf irraa fagaatee turetti deebi’uu danda’eera.

Garee biyyaalessaa Noorweyittis dursaa kan ta’ee fi hanga ammaa waancaa 53 kan argate Maartin Odegaard, Arsenaal waliin hanga bara taphaa 2027-28 turuuf walii galuu BBCn gabaaseera.

Odegaard bara kana tapha torba irratti goolii sadi Arsenaaliif galcheera.

Dorgommii akka Awurooppaatti maqaa guddaa qabu- tapha Chaampiyeni Liigii Roobii darbe PSV waliin taphachuun 4 fi 0 dhaan mo’atan irratti goolii akkaan jajamte kilabasaaf gumaacheera.

Arsenaal keessatti sarara gidduu taphachuun maqaa gaarii kan horate Odegaardi bara Faranjootaa 2021 baatii Hagayyaa Riyaal Maadiriid irraa Paawundii miiliyoona 30n gara Arsenaalitti makamuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.