Fana: At a Speed of Life!

Ejensichi hoggantoota 57 gochaa seeraan alaarratti hirmaatan gaafatamoo taasise

Finfinnee, Amajjii 17, 2015 (FBC)- Ejensiin Galmeessa Ragaalee fi Taateewwan Murteessoo Magaalaa Finfinnee hoggantoota 57 gochaalee seeraan alaarratti hirmaatan itti gaafatamtoota seeraa fi bulchinsaa taasisuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaa Ejensichaa Obbo Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, baatiiwwan ja’an darban kenniinsa tajaajilaa galmeessa ragaalee fi taateewwan murteessoon walqabatee hoggantoonni gochaalee seeraan alaarratti hirmaatan 57 itti gaafatamtoota ta’aniiru.

Gochaalee seeraan alaarratti kanneen hirmaatan faddaaltonni 4 fi tajaajilamtoonni 32 seeraan akka gaafataman taasifamaniiru jedhan.

Tajaajilamtoonni gaafatamtoota seeraa ta’anis seeraan alaa fi sanada sobaan tajaajila argachuuf kan yaalan ta’uun eerameera.

Tajaajilli galmeessa ragaalee fi taateewwan muteessoo komii fi rakkoo bulchiinsa gaariin dhaabbilee eeraman keessa tokko ta’uu kaasuun, fooyya’iinsi hojmaataa taasisuun akkuma jirutti ta’ee, itti gaafatamni seeraa fi bulchiinsaa cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa eejensichaa ilaalchisuun jiraattonni komii isaanii kallattiin dhiyeeffachuu akka danda’an eeraniiru.

Gochaalee seeraan alaa tajaajilaa damechaan walqabatee mul’aturrattis karaa bilbila bilisaa 7533’n eeruu kennuu akk danda’an hubachiisuu TOI gabasera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.