Fana: At a Speed of Life!

Ejensiiwwan DhMG Pirojektii namoota kuma 54 fi 400 fayyadamtoota taasisu ifoomsan

Finfinnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC)- Ejeensiiwwaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii laammilee Naannoo Oromiyaa fi Somaalee sababa garaagaraan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif kan oolu pirojektii Doolaara miiliyoona 18.8 taasisan.

pirojektichii waggoota afuriif kan turu yoo ta’u naannoolee lameennitti lammiilee kuma 54 fi 400 fayyadamoo taasisa jedhameera.

Pirojektichaa kan ifoomsaan, Eejensii Walta’insa Misoomaa Siwizeerlaandii fi Ejeensii Misoomaa Idil Adduunyaa Siwiidin ta’u eerameera.

Dhaabbannii Nyaataa fi Qonnaa addunyaa, Sagantaan Qubsiisaa Namoomaa, Dhaabbanni Godaansaa Addunyaa eejensiiwwan kanneen waliin ta’uun pirojektichaa akka deeggarsan ibsuu TOI gabaaseera.

Pirojektichi hariiroo hawaasummaa cimsuu fi hundeessuuf, hawaasa buqqa’ee fedhii isaaniin gara qe’ee isaanitti deebisuu, kanneen naannawaa biraatti jijjiiramaan akka qubatanii fi deeggarsa taasisuuf kan hojjetu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.