Fana: At a Speed of Life!

Embaasichi dorgommii Buunyaa Afrikaa Waancaa Maandeellaan injifannoo galmaa’eef gammachuu isaa ibse

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Piriitooriyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa Dorgommii Buunyaa Afrikaa Waancaa Maandeellaan injifannoo galmaa’eef gammachuu itti dhaga’ame ibse.

Dorgommo Buunyaa Afrikaa kibbaa Mgaalaa Darbaanitti gaggeeffamerratti Itiyoophiyaan meedaaliyaawwan ja’aan xumuruun ni yaadatama.

Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Muktaar Kadiir dorgommicharratti argamuun jila dorgommichaa jajjabeessaniiru.

Qabxiin argame damichaaf xiyyeeffannaan kennamee yoo hojjetame Itiyiophiyaan dandeettii olaanaa akka qabdu kan akkeeku, injifannoo boonsaa ta’uu ibsanii, injifannoo argameen gammachuu isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Jilichi hirmaannaa tasiseen muuxannoo olaanaa kan argattee fi fuulduratti kaka’umsa akka uumu amantaa qaban ibsaniiru.

Hawaasaa Magaalaa Darbaanii fi naannawaa ishee bakka dorgommiitti argamuun deeggarsa garichaaf taasisan Embaasichi galateeffateera.

Ambaasaddar Muktaar xumura dorgommichaarratti Pireezidaantii Konfedereeshinii Buunyaa Afrikaa fi Ministira Ispoortii Afrikaa Kibbaa akkasumas qondaaltota olaanoo konfedereeshinichaa waliin dhimmoota ispoortii fi kanneen biroorratti mari’achuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.