Fana: At a Speed of Life!

Ergamtoonni gareen shororkeessaa ABUT naannoo qaraqaraa Beenishaangul Gumuuzitti barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Ergamtoonni gareen shororkeessaa ABUT naannoo qaraqaraa Beenishaangul Gumuuzitti barbadaa’uu poolisiin naannichaa ibseera.

Garicha barbadeessuu fi to’annaa jala oolchuuf eeruun hawaasni qaamolee nageenyaaf laate shooraa olaanaa qabachuu ibsameera.

Namoota dhuunfa to’annaa jala oolaan keessaa waraqaa eenyummaa Sudaan Kaartumiitti dhaabbata mirga namoomaa idil addunyaa jedhu qabatanii kan turan ta’uu eerameera.

Ergamtoota garicha kan ta’aan namoonni dhuunfa kanneen waliin meeshaaleen waraana rasaasoonni, farri namaa fi fanjiiwwan konkolaattoota, boombiin harkaa, reediyoo qunnamsistuu, bilbila sochootuu fi manatsariin dirree waraanaa fi kanneen biroon to’annaa jala ooluu ibsameera.

Akkasumas Paawundiin Sudaan hedduun, uffanni seeraa waraanaa Sudaanii fi kanneen biroon to’annaa jala ooluu himameera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.