Fana: At a Speed of Life!

F/M Birhaanuu Juulaan adeemsa ijaarsa Hospitaalaa Adda Kibbaa daawwatan

Finfinnee, Ebla 15, 2016(FBC)- Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan adeemsa ijaarsa Hospitaalaa Adda Kibbaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti ijaarama jiru daawwataniiru.
Adeemsa ijaarsa hospitaalichaa ilaalchisuun kontiraaktara ijaarsichaan ibsi taasifameera.
Ijaarsi hospitaalichaa dhiyeenya kan eegale ta’us, akkaataa karoora qabameen gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.
Hospitaalichi yeroo qabameef keessatti ijaaramee xumuramuu akka qabu Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan hubachiisaniiru.
Daawwannicharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee Itti Gaafatamaan Qajeelchaa Olaanaa Mahaandisummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal Jeneraal Dastaa Abbichee, Ajajoonni Komandoo fi Humna Qilleensaaa Ajaja Kibbaa hirmaachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.