Fana: At a Speed of Life!

Faayi meetii qaraxni itti hin kaffalamin kiilo giraamni 15.1 to’atame

Finfinnee, Aamjjii 23, 2012 (FBC) – Faayi meetii kiilo giraamni 15.1 osoo qaraxni itti hin kaffalamin biyya seenuuf ture to’atameera.

Namoota dhuunfaa sadiin Duubaayii gara biyyaa galfamuuf yeroo yaalametti buufata guumruukaa Booleetti to’atameera.

Kiilo giraamni 12 uffannaa jaakkeettiin hojjetameen, kiilo giraamni 1.1 uffataan dhokfamuun, kiilo giraamni 2 ammoo dhoksaan galchuuf yaalameera.

Gatiin faaya meetichaa Doolaara Ameerikaa kuma 16 fi 724 yoo ta’u, taaksii idileetin yoo tilmaamamu Birrii 566,816 jedhameera.

Akka ragaa Ministeera Galiiwwaniitti shakkamtoonni lammiin biyya alaa tokkoo fi lammiileen Ityoophiyaa lama to’atamanii qorannaan irratti gaggeeffama ajira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.