Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa fi mirga lammiilee eegsisuuf dhaabbileen mootummaa xiyyeeffannoon hojjechuu qabu- Dooktar Geediyoon Ximootiyoos

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Faayidaa fi mirga lammiilee eegsisuuf dhaabbileen mootummaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos hubachiisan.

Hooggantoota hojii giddugaleessaa dhaabbilee mootummaaf barbaachisuummaa fi hojiirra olma labsii sirna bulchiinsa federaalaa ilalchisuun leenjii fi waltajjiin gaggeeffamuu ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa irraa argame ni muldhisa.

Leenjicharratti kan argaman Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos labsiin sirna bulchiinsa federaalaa  dhaabbilee mootummaa irraa dirqama kan kaa’u, lammiileef ammoo mirga kan kennuu yommuu ta’u hojiirra olmaa isaa irratti suuta jechuun hin barbaachisu jedhaniiru.

Kaayyoo labsichaa milkeessuf hoggantoonni hojii olaanoo fi giddugaleessaa dhaabbilee mootummaa qindoomuun hojiirra oolchuu akka qaban dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.