Fana: At a Speed of Life!

Fandii misooma manneenii biyyaalessaa hundeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Rakkoolee misooma manneenii muul’atu furuuf fandii biyyaalessaa misooma mannii qofarratti hojjetu hundeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii beeksiseera.

Ministeerichatti ministir deettaan damee misooma magaalaa fi manneenii obbo Masfin Asaffaa, rakkoolee damee misooma manneeniirratti muul’atan furuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhan.

Keessattuu rakkoo gama faaynaasiin misooma manneenii qunnamaa jiru furuuf fandii biyyaalessaa misooma manneeniirratti qofa hojjetu hundeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Fedhii mana jireenyaa hawaasaa guutuuf sosochiin garaagaraa taasifamaa jiraachuu obbo Masfin himaniiru.

Damee misooma manneenii bu’a qabeessa taasisuuf qooda fudhattoota waliin xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.