Fana: At a Speed of Life!

Fandiin Misoomaa Afrikaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 46 taasise

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)-Boordiin Daayrektaroota Fandii Misoomaa Afrikaa Itiyoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 46 raggaasisuu beeksiseera.

Deeggarsichis Horsiisee bultoota Naannoo Oromiyaa Godina Booranaaf dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu waliinga’uuf kan ooluudha jedhameera.

Haaluma kanaan kuusaawwan bishaanii sagalii fi sararoota raabsaa bishaanii kiiloo meetira 142.6 dabalatee bu’uuraaleen misoomaa biroon akka ijaaraman ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Kunis sababa hanqina bishaanii hongee naannawichatti mudatu hambisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu eerameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.